Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dhiphina

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Dhiphina dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Roomaa 8:18

Dhiphinni keenya kan ammaa kun ulfina nutti mulʼachuuf jiruun yommuu wal bira qabamu akka waan tokkottuu hin lakkaaʼamne ani nan yaada.

02 1 Phexros 4:12-13

Yaa michoota jaallatamoo, qorama akka ibiddaa kan amma ittiin dhiphachaa jirtan kana akka waan wanni haaraan isinitti dhufeetti hin dinqisiifatinaa. Garuu isin yeroo ulfinni isaa mulʼatutti akka baayʼee gammaddaniif waan dhiphina Kiristoos keessatti qooda fudhattaniif gammadaa.

03 2 Qorontos 1:3-4

Waaqnii fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos, Abbaan araaraatii fi Waaqni jajjabina hundaa haa eebbifamu; inni akka nu jajjabina Waaqa biraa arganne sanaan warra dhiphina adda addaa keessa jiran jajjabeessuu dandeenyuuf dhiphina keenya hunda keessatti nu jajjabeessa.

04 Roomaa 5:3-4

Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida.

05 Fiiliphisiyuus 1:29

Isin akka Kiristoositti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii;

06 1 Phexros 2:21

Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Kiristoos akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii.

07 2 Qorontos 1:5

Akkuma nu dhiphina Kiristoos keessatti baayʼee hirmaannu, akkasuma immoo karaa Kiristoosiin jajjabinni nuu baayʼata.

08 Fiiliphisiyuus 3:10

Ani Kiristoosii fi humna duʼaa kaʼuu isaa beekuu, dhiphina isaa keessatti hirmaachuu fi duʼa isaatiinis isa fakkaachuu nan barbaada;

09 1 Phexros 5:10

Waaqni ayyaana hundaa karaa Kiristoosiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas.

10 Roomaa 8:17

Yoo ijoollee taane immoo nu dhaaltota; akka hirmaattota ulfina isaa taanuufis yoo hirmaattota dhiphina isaa taane, nu dhaaltota Waaqaa ti; Kiristoos wajjinis ni dhaalla.

11 2 Xiimotewos 2:12

nu yoo obsine, isa wajjin ni moona. Nu yoo isa ganne, innis nu gana.

12 Ibroota 2:18

Inni mataan isaa waan dhiphina keessatti qorameef warra qoramaa jiran gargaaruu ni dandaʼa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban