Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Fayyisuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Fayyisuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Ermiyaas 17:14

Yaa Waaqayyo na fayyisi; anis nan fayyaa; na oolchi, anis nan oolfama; kan ani jajadhu sumaatii.

02 Faarfannaa 103:2-3

Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi; tola isaa hundas hin irraanfatin. Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa; dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;

03 Isaayyaas 53:5

Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname; balleessaa keenyaafis caccabsame; nu adabamuu isaatiin nagaa arganne; madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.

04 Baʼuu 15:26

Innis akkana jedhe; “Ati yoo sagalee Waaqayyo Waaqa keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani Waaqayyo si fayyisuudhaatii.”

05 Faarfannaa 147:3

Warra garaan cabe ni fayyisa; madaa isaaniis walitti hodha.

06 Faarfannaa 30:2

Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte.

07 Yaaqoob 5:15

Kadhannaan amantiin godhamu nama dhukkubsatu ni fayyisa; Gooftaanis isa ni kaasa. Yoo inni cubbuu hojjetee jiraates ni dhiifamaaf.

08 Miilkiyaas 4:2

Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu.

09 1 Phexros 2:24

Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu.

10 Faarfannaa 41:3

Waaqayyo siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa; fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.

11 Maatewos 4:23

Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, dhibee fi dhukkuba saba keessa jiru hunda fayyisaa Galiilaa guutuu keessa deeme.

12 Fakkeenya 3:7-8

Ani ogeessa ofiin hin jedhin; Waaqayyoon sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu. Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna; lafee kee illee ni haaromsa.

13 Hooseʼaa 6:1

“Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa. Inni nu ciccireera; garuu nu fayyisa; inni nu madeesseera; garuu madaa keenya ni waldhaana.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban