Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Sulula

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Sulula dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 23:4

Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu; uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.

02 Faarfannaa 23:1-3

Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu. Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa; gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa; inni lubbuu natti deebisa. Maqaa isaatiif jedhees karaa qajeelaa irra na deemsisa.

03 Isaayyaas 43:2

Yommuu ati bishaan keessa dabartu, ani si wajjinan jira; yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan. Yommuu ibidda keessa deemtu, ati hin gubattu; arrabni ibiddaas si hin gubu.

04 Faarfannaa 46:1-2

Waaqni daʼoo fi jabina keenya; inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha. Kanaafuu yoo lafti raafamtee tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.

05 Faarfannaa 84:6

Isaan yommuu Sulula Baakaa keessa darbanitti, iddoo sana lafa bishaan keessaa burqu godhatu; bokkaan jalqabaas eebba itti dhangalaasa.

06 Faarfannaa 23:5

Ati utuma diinonni koo ilaalanuu fuula koo duratti maaddii naa qopheessita. Mataa koo zayitii dibda; xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban