Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Iddoo Kooluu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Iddoo Kooluu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waaqni daʼoo fi jabina keenya; inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa; garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa; Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.
Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha; namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.
Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
Waaqayyo gaarii dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. Inni warra isa amanatan ni beeka;
Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti; Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha.
Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti; Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.
Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha; rakkina irraa na eegda; faarfannaa moʼannaatiinis na marsita.
Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii; fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha. Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu, gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa.
Yaa Waaqayyo, sitti nan iyyadha; “Ati iddoo ani itti kooluu galuu dha; biyya warra jiraatoo keessattis ati qooda koo ti” nan jedha.
Waaqni bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti; irreen bara baraas si jalaan jira. Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.
Yaa Waaqayyo, ani kooluu sitti galeera; ati gonkumaa na hin qaanessin; qajeelummaa keetiin na oolchi. Gurra kee gara kootti qabi; dafiitii na oolchi; kattaa ani itti kooluu galu naa taʼi; na oolchuudhaafis daʼoo jabaa naa taʼi.
Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti. Inni daʼannoo koo cimaa, kooluu kootii fi fayyisaa koo ti; ati namoota humnaan namatti kaʼan jalaas na baasta.