Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Inni Guddaadha

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Inni Guddaadha dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Yohannis 4:4

Yaa ijoolle, isin kan Waaqaa ti; jaras moʼattaniirtu; inni isin keessa jiru kan addunyaa keessa jiru sana caalaa guddaadhaatii.

02 Roomaa 8:31

Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Waaqni nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa?

03 1 Yohannis 5:4

Namni Waaqa irraa dhalatu hundinuu addunyaa ni moʼataatii. Kan addunyaa moʼatus amantii keenya.

04 Roomaa 8:37

Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla.

05 2 Mootota 6:16

Raajiin sun immoo, “Hin sodaatin; warri nu wajjin jiran warra isaan wajjin jiran caalaniitii” jedhee deebise.

06 1 Yohannis 4:18

Jaalala keessa sodaan hin jiru. Sodaan waan adabbii wajjin wal qabatee jiruuf jaalalli mudaa hin qabne sodaa of keessaa baasee gata. Namni sodaatu tokko jaalalli isaa guutuu miti.

07 Faarfannaa 118:6

Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu dandaʼa?

08 Isaayyaas 54:17

meeshaan si miidhuuf tolfame kam iyyuu hin milkaaʼu; atis arraba si himatu hunda of irraa deebifta. Kun dhaala tajaajiltoota Waaqayyoo ti; innis qajeelummaa isaan narraa argatanii dha” jedha Waaqayyo.

09 Luqaas 10:19

Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaanqabaa lafatti dhidhiittanii fi akka humna diinaa hundas moʼattaniif aangoo isinii kenneera; wanni kam iyyuu isin hin miidhu.

10 Qolosaayis 2:15

Innis humnootaa fi taayitaawwan fannoodhaan moʼate hidhannoo hiikkachiisuudhaan ifa baasee uummatatti isaan argisiise.

11 Yohannis 16:33

“Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa.”

12 Faarfannaa 27:1

Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti; ani eenyunan sodaadha? Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti; eenyutu na sodaachisa?

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban