Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Goraadee Hafuuraa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Goraadee Hafuuraa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Efesoon 6:17

Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Waaqaa ti.

02 Ibroota 4:12

Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.

03 Maatewos 4:4

Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera” jedheen.

04 Ermiyaas 23:29

“Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?” jedha Waaqayyo.

05 Faarfannaa 119:11

Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.

06 Mulʼata 1:16

Harka isaa mirgaatiin urjiiwwan torba qabatee ture; afaan isaa keessaas goraadee qara lama qabutu baʼaa ture. Fuulli isaas biiftuu humna guutuun iftu fakkaata ture.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban