Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Baraaramuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Baraaramuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 34:17

Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa. Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.

02 Faarfannaa 18:2

Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti; Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.

03 2 Qorontos 1:10

Inni balaa duʼa akkasii jalaa nu baaseera; nu baasas. Inni ittuma fufee akka nu baasu abdii keenya isa irra kaaʼanneerra.

04 Faarfannaa 40:1-2

Ani obsaan Waaqayyoon nan eeggadhe; innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe. Inni boolla sodaachisaa keessaa, dhoqqee nama liqimsu keessaas na baase; miilla koo kattaa irra dhaabe; ejjeta koos naa jabeesse.

05 Daaniʼel 6:27

Inni ni baraara; ni oolchas; samii keessaa fi lafa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan hojjeta. Inni Daaniʼelin, afaan leencotaatii baaseera.”

06 Faarfannaa 34:4

Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne; sodaa koo hunda keessaas na baase.

07 Faarfannaa 107:6

Isaan rakkina isaanii keessatti Waaqayyotti iyyatan; innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.

08 2 Xiimotewos 4:18

Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan samiiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.

09 Faarfannaa 50:15

guyyaa rakkinaa na waammadhu; ani sin oolchaa; atis ulfina naa kennita.”

10 Qolosaayis 1:13

Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban