Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Miʼni Lolaa Tokko Iyyuu Hin Milkaaʼu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Miʼni Lolaa Tokko Iyyuu Hin Milkaaʼu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Isaayyaas 54:17

meeshaan si miidhuuf tolfame kam iyyuu hin milkaaʼu; atis arraba si himatu hunda of irraa deebifta. Kun dhaala tajaajiltoota Waaqayyoo ti; innis qajeelummaa isaan narraa argatanii dha” jedha Waaqayyo.

02 Isaayyaas 54:14

Ati qajeelummaadhaan hundeeffamta; cunqurfamuun sirraa fagaata; wanni si sodaachisu tokko iyyuu hin jiru. Gooliin sirraa fageeffama; sitti iyyuu hin dhiʼaatu.

03 Roomaa 8:31

Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Waaqni nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa?

04 Faarfannaa 27:1-2

Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti; ani eenyunan sodaadha? Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti; eenyutu na sodaachisa? Namoonni hamoon yommuu foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan, diinonni koo fi amajaajonni koo yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.

05 Isaayyaas 41:11

“Kunoo, warri sitti aaran hundi, ni qaanaʼu; ni salphatus; warri siin morman akka waan hin jirree taʼu; ni badus.

06 Isaayyaas 41:10

Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.

07 Faarfannaa 91:7

Kumni tokko si cinatti, kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa; garuu sitti hin dhiʼaatu.

08 Keessa Deebii 28:7

Waaqayyo akka diinonni kee kanneen sitti kaʼan fuula kee duratti moʼataman ni godha. Isaan karaa tokkoon sitti dhufu, garuu karaa torbaan si baqatu.

09 Baʼuu 14:14

Waaqayyo isiniif lola; isin gab jedhaa.”

10 2 Seenaa 20:17

Lola kana loluu isin hin barbaachisu. Isin iddoo iddoo keessan qabadhaa; yaa Yihuudaa fi Yerusaalem jabaadhaa dhaabadhaatii moʼannoo Waaqayyo isiniif kennu ilaalaa. Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Bor isaanitti baʼaa; Waaqayyo isin wajjin dhaabata.’ ”

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban