Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Cunqursaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Cunqursaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
waan qajeelaa hojjechuu baradhaa! Murtii qajeelaa barbaadaa; warra hacuucame jajjabeessaa. Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa; haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.
Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
Waaqayyo warra cunqurfaman hundaaf qajeelummaa fi murtii qajeelaa kenna.
Ani ammas ilaalee cunqursaa aduudhaa gaditti adeemsifamaa jiru hunda nan arge: Ani imimmaan cunqurfamtootaa nan arge; nama isaan jajjabeessu tokko illees hin qaban; humni gama cunqursitoota isaanii ture; isaan nama isaan jajjabeessu tokko illee hin qaban.
Isin haadha hiyyeessaa yookaan ijoollee abbaa hin qabne yookaan alagaa yookaan hiyyeeyyii hin hacuucinaa. Garaa keessanitti hammina walitti hin yaadinaa.’
Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin; rakkataas mana murtiitti hin cunqursin; Waaqayyo dubbii isaanii ni ilaalaaf; jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii.
Waaqayyo, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif, sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa. Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha.
Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma; ijoollee rakkattootaa ni oolcha; cunqursituu immoo ni barbadeessa.
Warra seera jalʼaa baasan, kanneen labsii cunqursaa labsaniif wayyoo; isaan murtii rakkattootaa jalʼisu; mirga hiyyeeyyii saba koos ni dhiibu; haadhota hiyyeessaa boojuu godhatu; ijoollee abbaa hin qabnes ni saamu.
Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja.
Inni warra cunqurfamaniif ni mura; warra beelaʼaniif nyaata kenna. Waaqayyo warra hidhaman illee ni hiika;
Waaqayyo akkana jedha: Waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjedhaa. Nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa. Alagaatti, ijoollee abbaa hin qabnetti yookaan haadha hiyyeessaatti daba yookaan jalʼina hin hojjetinaa; dhiiga nama balleessaa hin qabnees iddoo kanatti hin dhangalaasinaa.
Isin hiyyeeyyii dhidhiittanii akka isaan midhaan isinii kennan dirqisiiftu. Kanaafuu isin manneen dhagaa yoo ijaarrattan iyyuu manneen sana keessa hin jiraattan; isin iddoowwan qotiisaa gaarii keessa wayinii yoo dhaabbattan iyyuu daadhii wayinii isaanii hin dhugdan.