Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Alagaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Alagaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Alagaan isin gidduu jiraatu sun akka dhalataa biyya keessaniitti haa ilaalamu. Akka ofii keessaniitti isa jaalladhaa; isinis biyya Gibxitti alagoota turtaniitii. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
“Alagaa hin cunqursin; isin waan biyya Gibxiitti alagaa turtaniif alagaa taʼuun maal akka taʼe isin mataan keessan ni beektuutii.
Alagoota jaalladhaa; isin mataan keessan biyya Gibxitti alagoota turtaniitii.
Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin ergamoota Waaqaa simataniiruutii.
Sababiin isaas ani beelofnaan isin nyaata naaf kennitan; dheebonnaan waan ani dhugu naaf kennitan; ani keessummaan ture; isin immoo na simattan;
“ ‘Yoo alagaan biyya keessan keessa isin wajjin jiraate isa hin cunqursinaa.
Yaaʼiin sun isinii fi alagaa isin gidduu jiraatuuf illee seeruma tokko haa qabaatu; kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Atii fi alagaan sun fuula Waaqayyoo duratti wal qixxee dha. Isiniifis alagaa isin gidduu jiraatuufis seerrii fi dambiin tokkuma haa taʼu.’ ”
Obboleessa kee nama gosa Israaʼel yookaan alagaa magaalaawwan kee tokko keessa jiraatu illee taanaan hiyyeessa yookaan rakkataa qaxarame tokko hin saamin.