Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Murtii Qajeelaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Murtii Qajeelaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Miikiyaas 6:8

Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. Waaqayyo maal sirraa barbaada? Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?

02 Isaayyaas 1:17

waan qajeelaa hojjechuu baradhaa! Murtii qajeelaa barbaadaa; warra hacuucame jajjabeessaa. Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa; haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.

03 Amoos 5:24

Garuu murtiin qajeelaan akkuma lagaa, qajeelummaanis akkuma burqaa hin gognee haa yaaʼu!

04 Fakkeenya 21:3

Fuula Waaqayyoo duratti aarsaa caalaa, waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba.

05 Keessa Deebii 16:20

Ati akka lubbuudhaan jiraattee lafa Waaqayyo Waaqni kee siif kennu dhaaltuuf murtii qajeelaa qofa duukaa buʼi.

06 Zakkaariyaas 7:9

“ Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Murtii qajeelaadhaan bulchaa; waliif araaramaa; garaas walii laafaa.

07 Faarfannaa 33:5

Waaqayyo qajeelummaa fi murtii qajeelaa jaallata; laftis jaalala isaa kan hin geeddaramneen guutamteerti.

08 Isaayyaas 30:18

Taʼus Waaqayyo isiniif arjoomuu barbaada; isiniif naʼuufis ni kaʼa: Waaqayyo Waaqa murtii qajeelaa ti. Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha.

09 Fakkeenya 31:9

Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”

10 Ermiyaas 22:3

Waaqayyo akkana jedha: Waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjedhaa. Nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa. Alagaatti, ijoollee abbaa hin qabnetti yookaan haadha hiyyeessaatti daba yookaan jalʼina hin hojjetinaa; dhiiga nama balleessaa hin qabnees iddoo kanatti hin dhangalaasinaa.

11 Faarfannaa 106:3

Warri jabeessanii murtii qajeelaa eegan, warri yeroo hunda waan qajeelaa hojjetan eebbifamoo dha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban