Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hiyyeeyyii

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Hiyyeeyyii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Fakkeenya 19:17

Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.

02 Fakkeenya 14:31

Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja.

03 Faarfannaa 41:1

Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha.

04 Galaatiyaa 2:10

Wanni isaan nu kadhatanis akka nu hiyyeeyyii yaadannu qofa ture; kun immoo waanuma ani gochuuf hawwaa turee dha.

05 Fakkeenya 28:27

Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu; kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata.

06 Faarfannaa 140:12

Waaqayyo rakkattootaaf falmee hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.

07 Luqaas 14:13

Garuu yommuu cidha qopheessitu hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi jaamaa waami.

08 Fakkeenya 22:9

Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf ofii isaatii ni eebbifama.

09 Fakkeenya 29:7

Namni qajeelaan mirga hiyyeessaatiif dhaabata; namni hamaan garuu dhimma akkanaa hin qabu.

10 Keessa Deebii 15:7-8

Magaalaawwan Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessatti yoo obboloota kee gidduu hiyyeessi jiraate obboleessa kee sana irratti garaan kee hin jabaatin yookaan isa gargaaruu irraa harka kee hin deebifatin. Qooda kanaa harka kee isaaf diriirsiitii waan isa gaʼu liqeessiif.

11 Faarfannaa 113:7

Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa; rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;

12 Luqaas 4:18

“Hafuurri Gooftaa narra jira; akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf, inni na dibeeraatii. Inni akka ani akka warri hidhaman hiikaman, akka warri jaaman argan, akka warri cunqurfamanis bilisa baʼan lallabuuf na ergeera;

13 Yaaqoob 2:5

Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Waaqni akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii?

14 Fakkeenya 31:9

Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban