Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dadhaboo Falmuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Dadhaboo Falmuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 82:3

Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa; mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.

02 Fakkeenya 31:8-9

“Warra ofii isaaniitiif dubbachuu hin dandeenyeef, mirga warra gatamaniitiifis falmi. Afaan kee banadhu; murtii qajeelaas kenni; mirga hiyyeeyyiitii fi rakkattootaatiif falmi.”

03 Isaayyaas 1:17

waan qajeelaa hojjechuu baradhaa! Murtii qajeelaa barbaadaa; warra hacuucame jajjabeessaa. Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa; haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.

04 Faarfannaa 72:4

Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma; ijoollee rakkattootaa ni oolcha; cunqursituu immoo ni barbadeessa.

05 Ermiyaas 22:3

Waaqayyo akkana jedha: Waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjedhaa. Nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa. Alagaatti, ijoollee abbaa hin qabnetti yookaan haadha hiyyeessaatti daba yookaan jalʼina hin hojjetinaa; dhiiga nama balleessaa hin qabnees iddoo kanatti hin dhangalaasinaa.

06 Faarfannaa 82:4

Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa; harka jalʼootaatiis isaan baasaa.

07 Fakkeenya 24:11-12

Warra gara duʼaatti geeffamaa jiran duʼa jalaa baasi; warra ajjeefamuuf qopheeffamanis oolchi. Yoo ati, “Nu waan kana homaa hin beekne” jette, inni yaada namaa madaalu sun hin hubatuu? Kan lubbuu kee eegu sun waan kana hin beekuu? Inni nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii hin kennuu?

08 Isaayyaas 1:23

Bulchitoonni kee finciltoota; michuu hattuuwwanii ti; isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu; kennaas akka malee barbaadu. Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman; himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan.

09 Keessa Deebii 27:19

“Namni murtii alagaa, ijoollee abbaa hin qabneetii fi niitota dhirsoonni isaanii irraa duʼanii jalʼisu haa abaaramu.” Ergasiis sabni hundi, “Ameen!” haa jedhu.

10 Faarfannaa 41:1

Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban