Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hiyyeeyyiif Arjummaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Hiyyeeyyiif Arjummaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf ofii isaatii ni eebbifama.
Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.
Namni hiyyeessaaf kennu waan tokko illee hin dhabu; kan ija dunuunfatu garuu abaarsa baayʼee argata.
Garuu yommuu cidha qopheessitu hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi jaamaa waami. Sababii isaan waan siif deebisan hin qabneef ati ni eebbifamta; gatiin kee guyyaa duʼaa kaʼuu qajeeltotaatti siif deebifamaatii.”
Kunis akkuma, “Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiif ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata” jedhamee barreeffamee dha.
Yoom iyyuu taanaan hiyyeeyyiin lafa irra ni jiraatu. Kanaafuu ani akka ati harka kee obboloota keetiif, hiyyeeyyii fi rakkattoota biyya keetiitiif diriirfattu sin ajaja.
Ani waan hojjedhe hunda keessatti nu dubbii Gooftaa Yesuus mataan isaa, ‘Fudhachuu irra kennuutu eebba qaba’ jedhee dubbate sana yaadachaa hojii jabaa akkanaatiin akka warra dadhabaa gargaaruu qabnu isin argisiiseera.”