Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyotti Amanuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Waaqayyotti Amanuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin; karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.
Karaa kee Waaqayyotti kennadhu; isa amanadhu; inni siif milkeessa.
Inni sitti irkateeraatii, nama yaadni garaa isaa si wajjin jiru, ati nagaa hirʼina hin qabneen isa eegda.
Warri maqaa kee beekan si amanatu; yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
Waaqayyo gaarii dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. Inni warra isa amanatan ni beeka;
Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.
“Namni Waaqayyoon amanatu, kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha. Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame, kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa. Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu; baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha. Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu; ija naqachuus hin dhiisu.”
Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu; nu garuu maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaa amananna.
Nama amanachuu irra, Waaqayyotti kooluu galuu wayya.