Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Gaachana Amantii
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Gaachana Amantii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Kana hundumaa irrattis gaachana amantii kan xiyya bobaʼaa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan qabadhaa.
Haxxummaa diiyaabiloosiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa.
Sababii akka obboloonni keessan warri addunyaa guutuu keessa jiraatan dhiphina akkasii dhiphachaa jiran beektaniif amantiitti jabaadhaatii isaan mormaa.
Waaqayyo jabina koo fi gaachana koo ti; garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera. Garaan koo baayʼee gammada; anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.
Namni Waaqa irraa dhalatu hundinuu addunyaa ni moʼataatii. Kan addunyaa moʼatus amantii keenya.
Namni Waaqa irraa dhalate kam iyyuu akka cubbuu hojjechuutti hin fufne ni beekna; Inni Waaqa irraa dhalate sun isa eega; inni hamaan isa tuquu hin dandaʼu.
“Dubbiin Waaqaa hundinuu hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana.
Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin cimsa; isa hamaa irraas isin eega.