Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amantiidhaan Deemuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Amantiidhaan Deemuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Nu amantiidhaan jiraanna malee arguun miti.
Amantiidhaan malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba.
Wangeela keessatti qajeelummaan Waaqaa amantii irraa gara amantiitti mulʼateeraatii; kunis akkuma, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata” jedhamee barreeffamee dha.
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
Yoos akkuma Kiristoos Yesuus Goofticha fudhattanitti isatti jiraadhaa;
Abrahaam gara iddoo dhaaluuf jiruu akka dhaqu yommuu waamametti, amantiidhaan ajajame; eessa akka dhaqu iyyuu utuu hin beekin kaʼee deeme.
“Kunoo inni of bokokseera; hawwiin isaas sirrii miti; namni qajeelaan garuu amantii isaatiin jiraata;
Inni amantii isaatti jabaachuun Waaqaaf ulfina kenne malee amantii dhabuun waadaa Waaqaa hin shakkine; akka Waaqni waan waadaa gale raawwachuu dandaʼus guutumaan guutuutti hubateera.