Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amantiin Hojii Malee Duʼaadha

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Amantiin Hojii Malee Duʼaadha dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yaaqoob 2:17

Akkasumas amantiin hojiin hin mulʼifamne ofiinuu duʼaa dha.

02 Yaaqoob 2:26

Akkuma dhagni hafuura hin qabne duʼaa taʼe sana, amantiin hojii hin qabnes duʼaa dha.

03 Yaaqoob 2:18

Namni tokko garuu, “Ati amantii qabda; ani immoo hojii qaba” jedha. Ati amantii kee hojii malee na argisiisi; anis hojii kootiin amantii koo sin argisiisa.

04 Galaatiyaa 5:6

Kiristoos Yesuusitti jiraannaan dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa tokko illee hin qabuutii. Wanni gatii qabu amantii jaalalaan of mulʼisu qofa.

05 Maatewos 7:21

“Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu.

06 Yaaqoob 2:24

Egaa akka namni hojiidhaanis malee amantii qofaan qajeelaatti hin lakkaaʼamne ni argitu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban