Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amantii
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Amantii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha.
Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.
Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti;
Nu amantiidhaan jiraanna malee arguun miti.
Amantiidhaan malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba.
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Waaqatti amanaa.
Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
Namni Waaqa irraa dhalatu hundinuu addunyaa ni moʼataatii. Kan addunyaa moʼatus amantii keenya.
Addunyaawwan akka ajaja Waaqaatiin uumaman, wanni mulʼatus akka waan mulʼatu irraa hin hojjetamin nu amantiidhaan hubanna.