Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Amantiin Tulluu Sochoosa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Amantiin Tulluu Sochoosa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Maatewos 17:20

Innis akkana jedhee deebise; “Sababii amantiin keessan xinnaateefii dha. Ani dhuguman isinitti hima; isin utuu amantii xinnoo hamma sanyii sanaaficaa qabaattanii silaa tulluu kanaan, ‘Asii kaʼii achi darbi’ jechuu ni dandeessu; innis ni darba. Wanni isiniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiru. [

02 Maarqos 11:23

Ani dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo tulluu kanaan ‘Buqqaʼiitii galaanatti darbatami’ jedhe, yoo garaa isaattis mamuu baatee akka wanni inni jedhe sun taʼu amane, wanni sun ni taʼaaf.

03 Maatewos 21:21

Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman isinitti hima; yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattanis, waan muka harbuu sana irratti taʼe qofa utuu hin taʼin, tulluu kanaan illee, ‘Kaʼi! Galaanatti darbatami!’ yoo jettan ni taʼa.

04 Maarqos 9:23

Yesuusis, “ ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama” jedheen.

05 Luqaas 17:6

Innis akkana jedhee deebise; “Isin amantii xinnoo hamma ija sanaaficaa illee yoo qabaattan, muka qilxuu kanaan, ‘Buqqaʼiitii galaana keessa dhaabami!’ jechuu dandeessu; innis isinii ajajama.

06 Maatewos 21:22

Isin yoo amantii qabaattan waan kadhannaadhaan gaafattan hunda ni argattu.”

07 Maarqos 11:24

Kanaafuu ani isinittin hima; waan kadhannaadhaan gaafattan hunda akka argattan amanaa; innis isiniif ni taʼa.

08 1 Qorontos 13:2

Ani yoon kennaa raajii dubbachuu qabaadhe, icciitii hundaa fi beekumsa hunda hubachuu yoon dandaʼe, amantii gaara buqqisuu dandaʼus yoon qabaadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan ani homaa miti.

09 Zakkaariyaas 4:7

“Yaa tulluu guddaa ati maali? Ati fuula Zarubaabel duratti lafa diriiraa taata. Innis, ‘Surraan, surraan isaaf haa taʼu!’ jedhanii iyyaa inni dhagaa xumuraa baasa.”

10 Maatewos 9:29

Yesuusis ija isaanii qaqqabee, “Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu” jedheen.

11 Fiiliphisiyuus 4:13

Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.

12 Ibroota 11:33

isaan amantiidhaan mootummoota moʼatan; murtii qajeelaa kennan; waan waadaa galame argatan; afaan leencotaa cufan;

13 Yaaqoob 1:6

Inni garuu yommuu kadhatu amantiin haa kadhatu; hin shakkinis; namni shakku akka dambalii galaanaa kan bubbeen dhaʼamee oofamuu ti.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban