Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Aarsaa Galataa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Aarsaa Galataa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Ibroota 13:15

Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.

02 Faarfannaa 50:23

Namni aarsaa galataa dhiʼeessu ulfina naa kenna; anis warra hirʼina hin qabnetti fayyisuu Waaqaa nan argisiisa.”

03 Ibroota 13:16

Waan gaarii gochuu fi waan qabdanis namaan gaʼuu hin dhiisinaa; Waaqni aarsaa akkasiitti gammadaatii.

04 Faarfannaa 116:17

Ani aarsaa galataa siif nan dhiʼeessa; maqaa Waaqayyoos nan waammadha.

05 Yoonaas 2:9

Ani garuu faarfannaa galataatiin aarsaa siif nan dhiʼeessa. Ani wareegan wareege sanas nan baasa. Anis, ‘Fayyinni Waaqayyo biraa dhufa’ ” nan jedha.

06 Faarfannaa 27:6

Yommus diinota na marsanii olitti mataan koo ol jedha; dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa; Waaqayyoof nan faarfadha; nan weeddisas.

07 Faarfannaa 107:22

Aarsaa galataa haa dhiʼeessan; faarfannaa gammachuutiinis hojii isaa haa himan.

08 Faarfannaa 54:6

Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa; yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha; inni gaariidhaatii.

09 Hooseʼaa 14:2

Dubbicha fudhadhuutii gara Waaqayyoo deebiʼi. Akkanas jedhiin: “Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi; akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf, arjummaadhaan nu simadhu.

10 Faarfannaa 141:2

Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu; harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban