Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Onnee Galata Qabu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Onnee Galata Qabu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Qolosaayis 3:16

Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa.

02 1 Tasaloniiqee 5:18

Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.

03 Faarfannaa 100:4

Galateeffachuudhaan karrawwan isaa, jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa; isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.

04 Fiiliphisiyuus 4:6

Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa.

05 Efesoon 5:20

yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa Abbaa galateeffadhaa.

06 Faarfannaa 107:8-9

Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Waaqayyoon haa galateeffatan; inni warra dheebotan dheebuu baasee warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.

07 Ibroota 12:28

Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Waaqa haa waaqeffannu;

08 2 Qorontos 4:15

Ayyaanni namoota hedduu waliin gaʼaa jiru kun ulfina Waaqaatiif galata guutee dhangalaʼu akka fiduuf wanni kun hundi buʼaa keessaniif taʼe.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban