Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Galateeffannaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Galateeffannaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 100:4

Galateeffachuudhaan karrawwan isaa, jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa; isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.

02 Faarfannaa 95:2

Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu; faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.

03 Faarfannaa 118:1

Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.

04 Efesoon 5:20

yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin Waaqa Abbaa galateeffadhaa.

05 2 Qorontos 9:15

Kennaa isaa kan ibsamuu hin dandeenye sanaaf galanni Waaqaaf haa taʼu!

06 Faarfannaa 136:1

Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii. Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

07 1 Tasaloniiqee 5:18

Haala hundumaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; fedhiin Waaqni Kiristoos Yesuusitti isiniif qabu kanaatii.

08 Faarfannaa 107:1

Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.

09 Qolosaayis 3:17

Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa; isumaanis Waaqa Abbaa galateeffadhaa.

10 Fiiliphisiyuus 4:6

Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban