Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyoof Faarfachuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Waaqayyoof Faarfachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 96:1

Faarfannaa haaraa Waaqayyoof faarfadhaa; lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa.

02 Faarfannaa 98:1

Waaqayyoof faarfannaa haaraa faarfadhaa; inni dinqii hojjeteeratii; harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun, akka inni moʼannaa argatu godhaniiru.

03 Efesoon 5:19

faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa;

04 Faarfannaa 100:2

Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa; faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.

05 Qolosaayis 3:16

Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa.

06 Faarfannaa 95:1

Kottaa Waaqayyoof faarfannaa; Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.

07 Faarfannaa 147:7

Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa; baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa.

08 Faarfannaa 33:3

Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa; sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa.

09 Faarfannaa 104:33

Bara jireenya koo guutuu ani Waaqayyoof nan faarfadha; hamma lubbuun koo jirtuttis faarfannaadhaan Waaqa koo nan galateeffadha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban