Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kabaja

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Kabaja dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Ibroota 12:28

Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Waaqa haa waaqeffannu;

02 Fakkeenya 9:10

“ Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.

03 Faarfannaa 33:8

Lafti hundi Waaqayyoon haa sodaatu; sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.

04 Lallaba 12:13

Amma wanni hundinuu dhagaʼameera; dhumni dubbii kunoo ti; Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi; wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii.

05 Ibroota 12:29

Waaqni keenya ibidda gubee balleessuudhaatii.

06 Faarfannaa 111:10

Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu. Galanni isaa bara baraan jiraata.

07 Isaayyaas 8:13

Kan isin akka qulqulluutti ilaaluu qabdan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu tokkicha; kan isin sodaachuu qabdan isuma; kan isin hollachuufii qabdanis isuma.

08 Lewwota 19:30

“ ‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani Waaqayyo.

09 Miilkiyaas 4:2

Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu.

10 Keessa Deebii 10:12

Yaa Israaʼel, wanni Waaqayyo Waaqni kee sirraa barbaadu maali? Akka ati Waaqayyo Waaqa kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka Waaqayyo Waaqa kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu,

11 Fakkeenya 1:7

Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti; gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.

12 Faarfannaa 89:7

Waaqni waldaa qulqullootaa keessatti baayʼee sodaatama; warra naannoo isaa jiran hunda keessaas isatu sodaachisaa dha.

13 1 Phexros 1:17

Isin erga isa utuu wal hin caalchisin nama hunda akkuma hojii isaatti itti muru sana “Abbaa” jettanii waammattanii bara keessummummaa keessan isa sodaachaa jiraadhaa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban