Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyoon Eebbisi

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Waaqayyoon Eebbisi dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 103:1

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi; keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

02 Faarfannaa 103:2

Yaa lubbuu koo Waaqayyoon eebbisi; tola isaa hundas hin irraanfatin.

03 Faarfannaa 34:1

Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa; galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.

04 Faarfannaa 104:1

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi. Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, ati akka malee guddaa dha; miidhaginaa fi surraa uffatteerta.

05 Faarfannaa 145:1-2

Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha. Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha; bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.

06 Faarfannaa 103:22

Uumamawwan bulchiinsa isaa jala lafa hunda jirtan hundi Waaqayyoon eebbisaa. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi.

07 Faarfannaa 16:7

Waaqayyo isa na gorsu sana ani nan jajadha; halkanis yaadni koo na qajeelcha.

08 Faarfannaa 115:18

nu garuu ammaa jalqabnee bara baraan Waaqayyoon ni eebbifna. Haalleluuyaa.

09 Faarfannaa 134:1

Isin tajaajiltoonni Waaqayyoo, warri halkan mana Waaqayyoo keessa tajaajiltan hundinuu, Waaqayyoon galateeffadhaa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban