Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Kabaja Waaqeffannaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Kabaja Waaqeffannaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 95:6

Kottaa gad jennee sagadnaa; Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;

02 Faarfannaa 99:5

Waaqayyo Waaqa keenya leellisaa; ejjeta miilla isaa jalatti sagadaa; inni qulqulluu dha.

03 Mulʼata 4:11

“Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”

04 Faarfannaa 29:2

Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.

05 Faarfannaa 96:9

Bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa; isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.

06 Faarfannaa 8:1

Yaa Waaqayyo Gooftaa keenya, maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa! Ati ulfina kee samiiwwan irratti diriirsiteerta.

07 Mulʼata 5:12

Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan; “Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya, ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina, galatas argachuun ni mala!”

08 Mulʼata 5:13

Anis ergasii uumamni samii keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus, “Isa teessoo irra taaʼu sanaa fi Hoolichaaf, galannii fi kabajni, ulfinnii fi humni, bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu!” jedhanii utuu faarfatanuu nan dhagaʼe.

09 Faarfannaa 145:3

Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf; guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.

10 Isaayyaas 6:3

Isaanis: “ Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.

11 Faarfannaa 63:3

Waan jaalalli kee jireenya caaluuf, hidhiin koo si jajatti.

12 1 Seenaa 16:29

Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa. Aarsaa fidaatii fuula isaa duratti dhiʼaadhaa. bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa.

13 Faarfannaa 113:3

Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, maqaan Waaqayyoo haa jajamu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban