Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Galata

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Galata dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 150:6

Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu. Haalleluuyaa.

02 Faarfannaa 34:1

Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa; galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.

03 Faarfannaa 145:3

Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf; guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.

04 Faarfannaa 9:1

Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.

05 Ibroota 13:15

Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Yesuusiitiin aarsaa galataa Waaqaaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.

06 Faarfannaa 147:1

Haalleluuyaa. Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha; isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!

07 Faarfannaa 103:1

Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon eebbisi; keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

08 Faarfannaa 71:8

Afaan koo guyyaa guutuu, galataa fi ulfina keetiin guutama.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban