Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ol'aantummaa Keessatti Isa Galateeffadhaa
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 13 waa'ee Ol'aantummaa Keessatti Isa Galateeffadhaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Haalleluuyaa. Samiiwwan irraa Waaqayyoon galateeffadhaa; ol gubbaatti isa galateeffadhaa.
Ergamoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa; raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa. Aduu fi jiʼi isa galateeffadhaa; urjiiwwan ibsitan hundinuus isa galateeffadhaa.
Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii, isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan; ulfinni isaas lafaa fi samiiwwanii ol jira.
Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu; bantiin samiis hojii harka isaa labsa.
Haalleluuyaa. Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.
Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu. Haalleluuyaa.
Yaa Waaqayyo, samiiwwan dinqii kee jaju; yaaʼii qulqullootaa keessattis amanamummaa kee jaju.
Isaanis: “ Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha; lafti hundinuu ulfina isaatiin guutamteerti” jedhanii walitti lallabaa turan.
Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “ ‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’ ” jedhanii faarfachuu hin dhiisan.
Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu; galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu.
Samiiwwan samii isa galateeffadhaa; bishaanonni samiin ol jirtanis isa galateeffadhaa.
Suma qofatu Waaqayyo. Ati samiiwwan, samiiwwan oliitii fi tuuta urjiiwwan isaanii hunda, lafaa fi waan lafa irra jiru hunda, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumte. Ati waan hundaaf lubbuu kennita; raayyaawwan samiis si waaqeffatu.
Isin ergamoonni isaa, warri ajaja isaa eegdan jajjaboon, warri dubbii isaatiif ajajamtanis Waaqayyoon eebbisaa. Raayyaan isaa hundinuu, isin tajaajiltoonni isaa warri fedhii isaa guuttan Waaqayyoon eebbisaa.