Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waaqayyo Irratti Abdachuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 12 waa'ee Waaqayyo Irratti Abdachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

Caqasoota 12 hunda dabali Isaan qalbeeffachuuf herrega bilisaa uumi.
01 Faarfannaa 42:5 Caqasa ijoo

Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra keeyyadhu; ani amma iyyuu isa nan jajadha. Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

02 Faarfannaa 42:11

Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.

03 Faarfannaa 39:7

“Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha? Abdiin koo suma irra jira.

04 Faaruu 3:24

Anis, “ Waaqayyo qooda koo ti; kanaafuu ani isa nan eeggadha” ofiin nan jedha.

05 Faarfannaa 130:5

Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti; dubbii isaas nan abdadha.

06 Faarfannaa 33:20-22

Lubbuun keenya abdiidhaan Waaqayyoon eeggatti; innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya. Garaan keenya isatti ni gammadaatii; nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii. Yaa Waaqayyo, akkuma nu abdii keenya sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.

07 Faarfannaa 71:5

Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati abdii kootii; ijoollummaa kootii kaaftees ati Waaqa ani amanadhuu dha.

08 Faarfannaa 62:5

Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti; abdiin koo isa biraa dhufaatii.

09 Miikiyaas 7:7

Ani garuu abdiidhaan Waaqayyoon nan eeggadha; fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha; Waaqni koo na dhagaʼa.

10 Faarfannaa 147:11

Waaqayyo warra isa sodaatanitti, warra araara isaa abdatanitti ni gammada.

11 Faarfannaa 33:18

Garuu iji Waaqayyoo warra isa sodaatan irra, warra araara isaa abdatan irras jira;

12 Roomaa 15:13

Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban