Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Humna Waaqayyootiin Eegamuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Humna Waaqayyootiin Eegamuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 1 Phexros 1:5

isin warra karaa amantiitiin hamma fayyina bara dhumaatti mulʼachuudhaaf qophaaʼe sanaatti humna Waaqaatiin eegamtanii dha.

02 Yihuudaa 1:24

Isa gufachuu isin oolchuu dandaʼuu fi isa fuula ulfina isaa duratti hirʼina malee, gammachuu guddaadhaan isin dhiʼeessuu dandaʼu sanaaf,

03 Yohannis 10:28-29

Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu. Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu.

04 Fiiliphisiyuus 1:6

inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.

05 2 Xiimotewos 1:12

Anis akka amma jiru kanatti dhiphachuun koo kanumaaf. Ani garuu eenyun akka amane waan beekuuf hin qaanaʼu; akka inni waan ani imaanaa itti kennadhe hamma guyyaa sanaatti eeguu dandaʼus nan amana.

06 1 Tasaloniiqee 5:23-24

Waaqni mataan isaa, Waaqni nagaa guutumaan guutuutti isin haa qulqulleessu. Hafuurri keessan, lubbuun keessanii fi dhagni keessan guutuun guyyaa Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos dhufutti mudaa irraa haa eegaman. Inni isin waamu sun amanamaa dha; waan kanas ni godha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban