Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Abdii Hin Qaanessine
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Abdii Hin Qaanessine dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.
Kana qofa miti; nu dhiphina keenyattis ni gammanna; akka dhiphinni obsa fidu ni beeknaatii; obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida.
Namni si eeggatu tokko iyyuu yoom iyyuu hin qaaneffamu; warri sababii malee yakka hojjetan garuu ni qaaneffamu.
Mootonni abbootii kee kanneen si guddisan, niitonni isaanii immoo haadhota kee kanneen harma si hoosisan ni taʼu. Isaan adda isaaniitiin lafatti gombifamanii siif sagadu; awwaara miilla keetii illee ni arraabu. Ergasii ati akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta; warri na abdatan hin salphatan.”
Katabbiin Qulqulluun, “Namni isatti amanu kam iyyuu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhaatii.
Nu abdii kanaan fayyineetii. Abdiin argamu garuu abdii miti; namni waan amma iyyuu qabu abdatu eenyu ree? Nu yoo waan amma hin qabne abdanne garuu obsaan eegganna.
Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Kiristoos dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas.
Isaan sitti iyyatan; ni fayyifamanis; si amanatan; hin qaanofnes.
Egaa waan hin geeddaramne kan Waaqni waaʼee isaanii sobuu hin dandeenye lamatu jira; kanaafuu nu warri isatti baqanne abdii fuula keenya dura kaaʼame sana jabeessinee qabachuuf jajjabina guddaa qabna. Nus abdii kana akka hiituu dooniitti lubbuuf qabna. Abdiin kunis iddoo qulqulluu golgaa duuba jiru sana ol seena;
Katabbiin Qulqulluun, “Kunoo, ani Xiyoon keessa, dhagaa tokko, dhagaa golee filatamaa gati jabeessa nan kaaʼa; namni isa amanatu kam iyyuu hin qaanaʼu” jedhaatii.