Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Waadaa Waaqayyoo
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Waadaa Waaqayyoo dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Waadaawwan Waaqaa hundinuu Kiristoosiin “Eeyyeedhaatii”. Kanaafuu nu karaa isaatiin ulfina Waaqaatiif “Ameen” jenna.
Kennaa kanaanis isin badiisa sababii hawwii hamaatiin addunyaa keessa jiru jalaa baatanii akka amala waaqummaa isaa sana keessatti hirmaattaniif jedhee karaa kennaa kanaatiin waadaa isaa guddaa fi kan gatii guddaa qabu nuuf galeera.
Waadaa gaarii Waaqayyo mana Israaʼeliif gale keessaa tokko iyyuu hin hafne; hundinuu guutameera.
Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.
Waaqni nama miti; inni hin sobu; yookaan gaabbuudhaaf inni ilma namaa miti. Inni waa dubbatee ergasii hin hojjetuu? Inni waa abdachiisee ergasii hin raawwatuu?
“Kunoo ani karaa lafa hundaa deemuufin jira. Akka waadaa gaarii Waaqayyo Waaqni keessan isiniif gale hunda keessaa tokko iyyuu utuu hin guutamin hafee hin jirre isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan ni beektu. Waadaan hundi guutameera; tokko iyyuu hin hirʼanne.
“ Waaqayyo akkuma abdachiisee ture sanatti saba isaa Israaʼeliif boqonnaa kenne sanaaf galanni haa taʼu. Abdii gaarii inni karaa garbicha isaa Museetiin kenne sana hunda keessaa jechi tokko iyyuu lafa hin buune.
akka Waaqni waan waadaa gale raawwachuu dandaʼus guutumaan guutuutti hubateera.
Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.