Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Nageenyaan Qabamuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Nageenyaan Qabamuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 10:28

Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu.

02 Yohannis 10:29

Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu.

03 Roomaa 8:38-39

Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.

04 1 Phexros 1:5

isin warra karaa amantiitiin hamma fayyina bara dhumaatti mulʼachuudhaaf qophaaʼe sanaatti humna Waaqaatiin eegamtanii dha.

05 Yihuudaa 1:24

Isa gufachuu isin oolchuu dandaʼuu fi isa fuula ulfina isaa duratti hirʼina malee, gammachuu guddaadhaan isin dhiʼeessuu dandaʼu sanaaf,

06 Keessa Deebii 33:27

Waaqni bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti; irreen bara baraas si jalaan jira. Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedhee diinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.

07 Faarfannaa 37:24

Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu; Waaqayyo harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.

08 Isaayyaas 41:13

Ani Waaqayyo Waaqni kee harka kee mirgaa nan qabaatii; inni, ‘Hin sodaatin; ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban