Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Abdii Hidhame
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 11 waa'ee Abdii Hidhame dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Nus abdii kana akka hiituu dooniitti lubbuuf qabna. Abdiin kunis iddoo qulqulluu golgaa duuba jiru sana ol seena;
Egaa waan hin geeddaramne kan Waaqni waaʼee isaanii sobuu hin dandeenye lamatu jira; kanaafuu nu warri isatti baqanne abdii fuula keenya dura kaaʼame sana jabeessinee qabachuuf jajjabina guddaa qabna.
Nu abdii kanaan fayyineetii. Abdiin argamu garuu abdii miti; namni waan amma iyyuu qabu abdatu eenyu ree? Nu yoo waan amma hin qabne abdanne garuu obsaan eegganna.
kunis sababii abdii samii keessatti isinii kuufame sanaatiif; isin waaʼee abdii kanaa duraanuu dubbii dhugaa, wangeela keessatti dhageessaniirtu;
Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;
Nus akka tokkoon tokkoon keessan abdii keessan mirkaneessitanii hamma dhumaatti tattaaffii akkanaa argisiiftan barbaanna.
Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti; abdiin koo isa biraa dhufaatii. Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa; inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.
Anis, “ Waaqayyo qooda koo ti; kanaafuu ani isa nan eeggadha” ofiin nan jedha.
Lubbuun keenya abdiidhaan Waaqayyoon eeggatti; innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya. Garaan keenya isatti ni gammadaatii; nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii.
Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.
Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa.