Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Abdii
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Abdii dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.
Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.
Nus abdii kana akka hiituu dooniitti lubbuuf qabna. Abdiin kunis iddoo qulqulluu golgaa duuba jiru sana ol seena;
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha” jedha Waaqayyo.
Nu abdii kanaan fayyineetii. Abdiin argamu garuu abdii miti; namni waan amma iyyuu qabu abdatu eenyu ree? Nu yoo waan amma hin qabne abdanne garuu obsaan eegganna.
“Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha? Abdiin koo suma irra jira.
Waaqayyo warra isa abdataniif, kanneen isa barbaadaniif gaarii dha; Fayyisuu Waaqayyoo calʼisanii eeggachuun gaarii dha.
Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;