Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Qoochoo Isaa Jala
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Qoochoo Isaa Jala dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Inni baallee isaatiin si dhoksa; atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta; amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.
Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu, gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota. Anis Waaqayyoon, “Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti; Waaqa koo kan ani amanadhuu dha” nan jedha.
Akka agartuu ija keetiitti na eegi; gaaddidduu qoochoo keetiitiinis na dhoksi;
Na maari; yaa Waaqa na maari; lubbuun koo sitti kooluu galtiitii. Anis hamma balaan darbutti, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.
“Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.
Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa! Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.
Waan ati gargaarsa koo taateef, ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha.
Waaqayyo waan ati goote hundaaf gatii kee siif haa deebisu. Waaqayyo Waaqni Israaʼel kan ati qoochoo isaa jalatti baqachuudhaaf dhufte sun baayʼisee siif haa deebisu.”
Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu, gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa.
akkuma risaan mana ishee diigdee ilmaan ishee irra qoochoo qabdu, akkuma qoochoo ishee balʼiftee ol isaan fudhattu, akkuma qoochoo isheetiinis isaan baattu sana,
“Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.
Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu.
Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif, ergamoota isaa siif ni ajaja;
Waaqayyo si eega; Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa;