Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dubbiin Bara Baraan Jiraata
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Dubbiin Bara Baraan Jiraata dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa; dubbiin Waaqa keenyaa garuu bara baraan ni jiraata.”
“Foon hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti; margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa; dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata.” Dubbiin kunis wangeela isinitti lallabame sana.
Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Yaa Waaqayyo, dubbiin kee bara baraan jiraata; samii keessas jabaatee ni dhaabata.
Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Akka ati ajajawwan kee bara baraan hundeessite, ani seera kee irraa dur baradheera.
Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti; amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
“Gama kootiin kakuun koo kan ani isaan wajjin qabu kana” jedha Waaqayyo. “Hafuurri koo kan sirra jiru, dubbiin koo kan ani afaan kee keessa kaaʼe sun afaan keetii yookaan afaan ijoollee keetiitii yookaan afaan ijoollee ijoollee isaaniitii harʼaa jalqabee bara baraan hin badu” jedha Waaqayyo.
Dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee yeroo torba qulqulleeffamee ti. Yaa Waaqayyo ati nu eegda; dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita.