Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Katabbii Qulqulluu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 5 waa'ee Katabbii Qulqulluu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 2 Xiimotewos 3:16

Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu;

02 2 Phexros 1:20-21

Raajiin Katabbii Qulqulluu kam iyyuu hiikkaa raajichaa kan mataa isaatiin akka hin dhufin duraan dursitanii beekuu qabdu. Raajiin takkumaa fedhii namaatiin hin dhufneetii; garuu namoota Waaqaatu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.

03 Faarfannaa 19:7

Seerri Waaqayyoo mudaa hin qabu; lubbuu namatti deebisa. Ajajni Waaqayyoo amanamaa dha; nama wallaalaa beekaa godha.

04 Roomaa 15:4

Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.

05 Yohannis 17:17

Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban