Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Humna Dubbichaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Humna Dubbichaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Ibroota 4:12

Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.

02 Isaayyaas 55:11

dubbiin koo kan afaan kootii baʼus fedhii koo raawwata; kaayyoo ani isa ergeefis galmaan gaʼa malee harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu.

03 Ermiyaas 23:29

“Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?” jedha Waaqayyo.

04 Roomaa 1:16

Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf.

05 1 Tasaloniiqee 2:13

Isinis yommuu dubbii Waaqaa kan nurraa dhageessan sana fudhattanitti akkuma inni jirutti, akka dubbii Waaqaa kan isin warra amantan keessatti hojjetuutti fudhattan malee akka dubbii namaatti waan hin fudhatiniif nu utuu gargar hin kutin Waaqa galateeffanna.

06 Luqaas 1:37

Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii.”

07 Uumama 1:3

Waaqnis, “Ifni haa taʼu” jedhe; ifnis ni taʼe.

08 Yohannis 6:63

Kan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban