Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Namni Buddeena Qofaan Hin Jiraatu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Namni Buddeena Qofaan Hin Jiraatu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera” jedheen.
Innis gad si deebisee si beelessee “mannaa” ati yookaan abbootiin kee hin beekin si soore; kunis akka namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraanne si barsiisuuf.
Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera” jedheen.
Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.
Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne; nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha.
Buddeenni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti.”
Kan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas.
Dubbiin kee ni argame; anis nan nyaadhe; innis na gammachiise; gammachuu garaa kootiis taʼe; yaa Waaqayyo, Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, ani maqaa keetiin nan waamamaatii.
Simoon Phexrosis akkana jedhee deebise; “Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa.
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa; innis beela dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu ti malee beela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti.
Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa;
Yesuus immoo akkana jedheen; “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha.
Kottaatii nyaata koo nyaadhaa; daadhii wayinii ani bulbuladhe illee dhugaa.
Dubbiin kee akkam arraba kootti miʼaawa; nadhii dammaa caalaa afaan kootti miʼaawa!