Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dubbicha Irratti Xiinxaluu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Dubbicha Irratti Xiinxaluu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Kitaabni Seeraa kun afaan keetii hin buʼin. Waan isa keessatti barreeffame hunda gochuuf akka of eeggattuufis halkanii guyyaa itti yaadi. Akkasiinis ati ni badhaata; ni milkooftas.
Garuu inni seera Waaqayyootti gammada; seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada. Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee yeroo isaatti ija isaa kennu, kan baalli isaas hin coollagnee ti; wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.
Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada; karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu.
Ani seera kee akkaman jaalladha! Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.
Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.
Akka ani irra deddeebiʼee waadaa kee yaaduuf, iji koo halkan guutuu banamee bula.
Ani siree koo irratti sin yaadadha; halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.
Ani guyyoota durii nan yaadadha; waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada; waan harki kee hojjete illee nan heda.
Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada; waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha.