Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Dubbicha Onnee Keessa Kaaʼachuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 6 waa'ee Dubbicha Onnee Keessa Kaaʼachuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 119:11

Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.

02 Keessa Deebii 6:6-7

Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.

03 Qolosaayis 3:16

Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa.

04 Faarfannaa 119:9

Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa? Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.

05 Fakkeenya 7:1-3

Yaa ilma ko, dubbii koo eegiitii ajaja koos of keessatti kuufadhu. Ajaja koo eegi, ati ni jiraataatii; barsiisa koos akkuma qaroo ija keetiitti eegi. Quba keetti isaan hidhadhu; gabatee garaa keetii irrattis barreeffadhu.

06 Keessa Deebii 11:18

Dubbiiwwan koo kanneen garaa fi qalbii keessanitti qabadhaa; akka mallattootti harkatti hidhadhaa; adda keessan irrattis maxxanfadhaa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban