Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Ibsaa Miilla Kootiif

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 9 waa'ee Ibsaa Miilla Kootiif dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 119:105

Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha; daandii kootiif immoo ifa.

02 Faarfannaa 119:130

Ibsamuun dubbii keetii ifa kenna; wallaalotaafis hubannaa kenna.

03 Fakkeenya 6:23

Ajajni kun ibsaadhaatii; barsiisni kunis ifa; sirreeffamni amalaa immoo karaa jireenyaa ti;

04 2 Phexros 1:19

Kanaafuu dubbiin raajonni dubbatan sun ittuma caalee nuuf mirkaneeffame; isinis hamma boruun baqaqee bakkalchi barii garaa keessan keessatti baʼutti yoo akkuma ibsaa dukkana keessatti ibsuutti dubbii kanaaf xiyyeeffannoo kennitan waan gaarii gochuu keessan.

05 Yohannis 8:12

Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.

06 Faarfannaa 19:8

Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha; garaadhaaf gammachuu kenna. Ajajni Waaqayyoo qulqulluu dha; ijaafis ifa kenna.

07 Faarfannaa 43:3

Ifa keetii fi dhugaa kee ergi; isaan na haa qajeelchan; gara tulluu kee qulqulluutti, gara iddoo ati jiraattu sanaatti ana haa fiddan.

08 Fakkeenya 4:18

Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaa kan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti.

09 Faarfannaa 119:11

Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef, dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban