Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Damma Caalaa Miʼaawaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Damma Caalaa Miʼaawaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Faarfannaa 119:103

Dubbiin kee akkam arraba kootti miʼaawa; nadhii dammaa caalaa afaan kootti miʼaawa!

02 Faarfannaa 19:10

Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame caalaa iyyuu gatii qabeessa; inni damma caalaa, nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha.

03 Faarfannaa 119:97

Ani seera kee akkaman jaalladha! Guyyaa guutuu irra deddeebiʼee waaʼee isaa nan yaada.

04 Ermiyaas 15:16

Dubbiin kee ni argame; anis nan nyaadhe; innis na gammachiise; gammachuu garaa kootiis taʼe; yaa Waaqayyo, Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, ani maqaa keetiin nan waamamaatii.

05 Hisqiʼeel 3:3

Innis, “Yaa ilma namaa, kitaaba maramaa ani siif kennu kana nyaadhu; garaa kees ittiin guuttadhu” naan jedhe. Anis nan nyaadhe; afaan koo keessattis akka dammaa natti miʼaawe.

06 Faarfannaa 119:72

Meetii fi warqee kumaatama irra, seeri afaan keetii baʼu anaaf gaariidha.

07 Faarfannaa 119:127

Kanaafuu ani warqee caalaa, warqee qulqulluu caalaa, ajajawwan kee nan jaalladha;

08 Faarfannaa 119:111

Seerri kee dhaala koo kan bara baraa ti; gammachuu garaa kootiitis.

09 Fakkeenya 24:13-14

Yaa ilma ko, dammi waan gaarii taʼeef nyaadhu; nadhiin dammaa sitti ni miʼaawa. Akka ogummaan lubbuu keetti miʼaawu illee beeki; ati yoo isa argatte fuul duratti abdii qabda; abdiin kees hin citu.

10 Faarfannaa 19:9-10

Waaqayyoon sodaachuun qulqulluu dha; bara baraan jiraata. Murtiin Waaqayyoo dhugaa dha; walumaa galattis qajeelaa dha. Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffame caalaa iyyuu gatii qabeessa; inni damma caalaa, nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha.

11 Faarfannaa 119:162

Ani akka nama boojuu guddaa argate tokkootti, dubbii keetti nan gammada.

12 Iyyoob 23:12

Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne; nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha.

13 Faarfannaa 119:131

Ani ajajawwan kee hawwuudhaan afaan koo banee nan hargana.

14 Faarfannaa 119:14

Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu, ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada.

15 Fakkeenya 16:24

Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti; inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban