Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hafuurri Dadhabina Keenya Gargaara

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 14 waa'ee Hafuurri Dadhabina Keenya Gargaara dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Roomaa 8:26

Akkasumas Hafuurri dadhabbii keenya irratti nu gargaara. Nu waan kadhachuu qabnu hin beeknuutii; hafuurri mataan isaa garuu aaduu ibsamuu hin dandaʼamneen nuuf kadhata.

02 Roomaa 8:27

Inni garaa keenya qoru sun yaada Hafuuraas ni beeka; Hafuurri akka fedhii Waaqaatti qulqullootaaf kadhataatii.

03 Yohannis 14:16

Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna;

04 2 Qorontos 12:9

Inni garuu, “Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii” naan jedhe. Kanaafuu humni Kiristoos akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona.

05 Fiiliphisiyuus 4:13

Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.

06 Isaayyaas 40:31

Warri Waaqayyoon abdatan garuu humna isaanii ni haaromfatu. Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu; ni fiigu; hin dadhaban; ni deemu; hin bututan.

07 Zakkaariyaas 4:6

Kanaafuu inni akkana naan jedhe; “Kun dubbii Waaqayyoo kan Zarubaabeliif kennamee dha: ‘Hafuura kootiin malee jabinaan yookaan humnaan miti’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.

08 Faarfannaa 73:26

Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu; Waaqni garuu jabina garaa koo ti; bara baraanis inni qooda koo.

09 Efesoon 3:16

Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf nan kadhadha;

10 2 Qorontos 4:16

Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema.

11 Isaayyaas 41:10

Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.

12 Faarfannaa 46:1

Waaqni daʼoo fi jabina keenya; inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.

13 Yohannis 14:26

Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.

14 Roomaa 15:13

Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban