Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hafuura Dhugaa

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 7 waa'ee Hafuura Dhugaa dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Yohannis 16:13

Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti isin geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima.

02 Yohannis 14:17

inni Hafuura dhugaa ti. Addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef isa fudhachuu hin dandaʼu. Isin garuu waan inni isin wajjin jiraatuuf, isin keessas waan jiruuf isa ni beektu.

03 Yohannis 14:26

Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.

04 Yohannis 15:26

“Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa baʼu sun yommuu dhufutti waaʼee koo dhugaa baʼa.

05 1 Yohannis 4:6

Nu kan Waaqaa ti; namni Waaqa beeku hundinuus nu dhaggeeffata; namni kan Waaqaa hin taʼin garuu nu hin dhaggeeffatu. Kanaanis Hafuura dhugaatii fi hafuura sobaa addaan baafnee ni beekna.

06 1 Qorontos 2:12

Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne.

07 Yohannis 16:14

Inni sababii waanuma koo fuudhee isinitti beeksisuuf ulfina naa kenna.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban