Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hafuuraan Guutamuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 8 waa'ee Hafuuraan Guutamuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Efesoon 5:18

Daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa; kun jireenya gad dhiisiitti geessaatii. Qooda kanaa Hafuuraan guutamaa;

02 Hojii 2:4

Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.

03 Hojii 4:31

Erga isaan Waaqa kadhatanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Waaqaa dubbatan.

04 Galaatiyaa 5:16

Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha.

05 Hojii 1:8

Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu.”

06 Luqaas 4:1

Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kaʼee Hafuuruma sanaan gammoojjiitti geeffame;

07 Hojii 13:52

Barattoonnis gammachuu fi Hafuura Qulqulluudhaan guutaman.

08 Roomaa 15:13

Isinis akka humna Hafuura Qulqulluutiin abdiitti akka malee guddattaniif, Waaqni abdii sun isa amanachuu keessaniin gammachuu fi nagaa hundumaan isin haa guutu.

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban