Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hafuuraan Deemuu

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 10 waa'ee Hafuuraan Deemuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.

01 Galaatiyaa 5:25

Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.

02 Galaatiyaa 5:16

Kanaafuu ani, “Hafuuraan jiraadhaa; yoos hawwii foonii hin guuttaniitii” jedha.

03 Roomaa 8:4

Kunis akka qajeelummaan seeraa sun nu warra utuu akka namummaa cubbamaatti hin taʼin akka Hafuuraatti jiraannu keessatti raawwatamuufii dha.

04 Galaatiyaa 5:22-23

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

05 Roomaa 8:1

Egaa amma murtiin warra Kiristoos Yesuus keessa jiraatanitti muramu hin jiru;

06 Roomaa 8:5

Warri akka fooniitti jiraatan waan foonii yaadu; warri akka Hafuuraatti jiraatan garuu waan Hafuuraa yaadu.

07 Roomaa 8:13-14

Isin yoo akka fooniitti jiraattan ni duutuutii; yoo Hafuuraan hojii foon keessanii ajjeeftan garuu ni jiraattu. Warri Hafuura Waaqaatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Waaqaatii.

08 Galaatiyaa 5:18

Isin garuu Hafuuraan yoo geggeeffamtan seera jala hin jirtan.

09 Galaatiyaa 6:8

Namni foonitti facaasu foon irraa badiisa galfata; namni Hafuuratti facaasu immoo Hafuura irraa jireenya bara baraa haammata.

10 Efesoon 5:8-9

Isin dur dukkana turtaniitii; amma garuu Gooftaadhaan ifa taataniirtu. Akka ijoollee ifaatti jiraadhaa; iji ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argamaatii;

Mata dureewwan walitti dhiheenya qaban