Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Waa'ee Hafuuraan Geggeeffamuu
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu 15 waa'ee Hafuuraan Geggeeffamuu dubbisuuf, irratti xinxalluuf, fi qalbeeffachuuf.
Warri Hafuura Waaqaatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Waaqaatii.
Akka nu ijoollee Waaqaa taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana.
Isin garuu Hafuuraan yoo geggeeffamtan seera jala hin jirtan.
Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti isin geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima.
Ati sababii Waaqa koo taateef, akka ani fedhii kee guutu na barsiisi; hafuurri kee gaariin sun karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.
Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.
Ati yeroo gara mirgaatti yookaan gara bitaatti gortutti, dugda kee duubaan sagalee, “Karaan kana; isa irra deemi” jedhu tokko gurri kee ni dhagaʼa.
Kunis akka qajeelummaan seeraa sun nu warra utuu akka namummaa cubbamaatti hin taʼin akka Hafuuraatti jiraannu keessatti raawwatamuufii dha.
Yaa Waaqayyo, karaa kee na argisiisi; daandii kees na barsiisi; ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef, dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi; anis guyyaa guutuu sin eeggadha.
Warri akka fooniitti jiraatan waan foonii yaadu; warri akka Hafuuraatti jiraatan garuu waan Hafuuraa yaadu. Yaadni foonii duʼa; yaadni Hafuuraa garuu jireenyaa fi nagaa dha.
Hafuurri Qulqulluunis Fiiliphoosiin, “Dhaqiitii gaarii sanatti dhiʼaadhu” jedhe.
Utuu isaan Gooftaa tajaajilaa, soomaas jiranuu Hafuurri Qulqulluun, “Barnaabaasii fi Saaʼolin hojii ani itti isaan waammadheef naa filaa” jedhe.
Isaanis Hafuurri Qulqulluun akka isaan biyya Asiyaa keessatti dubbicha hin lallabne isaan dhowwinaan biyya Firiigiyaatii fi Galaatiyaa keessa darban. Yommuu Miisiyaa gaʼanittis Biitaaniyaa seenuu yaalan; Hafuurri Yesuus garuu isaanii hin eeyyamne.
Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin; karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.
Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas; ani ija koo jaalalaatiin sin ilaala; sin gorsa.